- Image
-
- Content
-
Dinagdee Damdaneessa Paartiin Badhaadhinaa qabatee keessaa tokko Damee Qonnaati. Xiyyeeffannoon damee qonnaa immoo Nyaataan of danda'uu fi Al-ergii guddisuudha.
Tarsiimoo Mootummaan Qabate Milkeessuuf Magaalaa Bishooftuu Kutaa Magaalaa Calalaqaa Keessatti Dargaggoonni hojii Qonnaa amayyaa irratti bobba’uun ofiisaanii fi biyyaaf ammoo Galii sharafa alaa argamsiisaa jiru.
Dargaggoota hojii dhabeeyyii 830 waldaalee 159'n Gamtaa Intarpraayizii Tokkoo jala gurmaa'ani lafa hektaara 78 irratti oomisha gabaa alaa irratti barbaadamaa ta'e Sugar Snap pea ( Brokoolii fi Fosooliyaa) jalliisiidhaan misoomsaanii gabaa biyya alaatiif dhiyeessuu eegalanii jiru.