Ida’amuu bu’uura tokkummaa fi obbolummaa!
Rakkoolee keenya bu’uuraan furuudhaan mul’ata badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf tokkummaa fi obbolummaa dagaagsuun murteessaadha. Biyya keenyatti duudhaa obbolummaa fi tokkummaa gabbisuuf daandiin ida’amuu filannoo sirrii fi murteessaa ta’edha.
Paartiin Badhaadhinaa yaadama Ida’amuu qixaan hojiitti hiikuudhaan hariiroo obbolummaa fi tokkummaa cimsuudhaaf xiyyeeffannaa kennee hojjachuu irratti argama. Maddoota rakkoo keenyaa gogsinee tokkummaa fi obbolummaa dhugaatis mirkaneessinee galma qabanne bira qaqqabuu kan dandeenyu daandii Ida’amuu irra sirnaan imaluu yoo dandeenyedha.
Ida’amuun har’a qofaaf osoo hin taane yaadama dhaloota boruutiif bu’uura kaa’u waan ta’eef qormaata daandii ida’amuu kan ta’e ilaalchaa fi gocha finxaalessummaa waloodhaan qolachuudhaan kan kaleessaa caalaa tokkummaa fi obbolummaa keenya cimsinee galma badhaadhinaa biyyaa haa dhugoomsinu.
አጫጭር መረጃዎች