Paartiin Badhaadhinaa paartii dhaloota har'aa fi egeree ti.
Paartiin Badhaadhinaa biyya bittinnaa'uu irraa kan hambise, yeroo gabaabaa keessatti roga hundaan jijjiiraama seenaa kan galmeessee, fi paartii dhalootaa galma kaawwate bira gahuuf daandii sirrii irra jiru dha. Barri rakkinaa darbee biyyi keenyi fiixee badhaadhinaatti bahuun ijollee isheerra darbitee kanneen biroof gaaddidduu boqonnaa yeroon itti taatu fagoo miti.
Badhaadhinni ijaarsa dimookiraasii biyya keenyatti gaggeeffamaa jiru hundarraa, hundaaf, hundaan taasisuun akkasumas madaalawaa fi hirmaachiisummaa gochuun qajeeltoo isaa ti.
Kaayyoon Paartii Badhaadhinaas itoophiyaa lammiilee ishee hundaaf mijattu, itoophiyaanoota hundaa faakkaattu, mirga saboota mirgoota dhuunfaa waliin wal-simsiisuun eegsiftu, kan badhaatee fi itoophiyaa fedeeraalawaa dimookiraatooftuu cimaa ijaaruu dha.
Badhaadhinaaf hojjechuun dhaloota fulduratti ashaaraa kabajaa kaa'uu dha. Biyya keenyatti xomboorri jijjiiraamaa dhaamuu hin dandeenye qabsiifameera. Badhaadhiina waliin daandiin keenyas, galmi keenyas ifaa dha. Paartiin Badhaadhinaa bilisuummaa, walqixxummaa, kabajaa fi fayyadamuummaa uumama ilmoo namaatiif haalli mijataan akka uumamuuf paartii eejjennoo guutuudhaan qabsaa'u dha.
አጫጭር መረጃዎች