‘’Paartiin Badhaadhinnaa milkaa’innoota Itiyoophiyaa kadhaa keessaa baasuu dandeessisan hedduu galmeesseera’’ -Obbo Adem Farah
Paartiin Badhaadhinnaa yeroo gabaabaa keessatti milkaa’inoota Itiyoophiyaa kadhaa keessaa baasuun gara birmadummaa guutuutti ceesisuu dandeessisan hedduu galmeessuu Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti, Qindeessaan Giddugala Ijaarsa Sirna Dimokiraasii fi Pirezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinnaa Obbo Adam Faaraah himan.
Paartichi biyya fudhatamummaa guddaa qabdu ijaaruuf rakkooleen karaa nagaan akka furamaniif xiyyeeffannoo addaa kennee hojjataa jiraachuus himan.
Milkiiwwan barii jijjiramaa galma’aniif gaaffiileen misoomaa, hawaasummaafi diinagdee ummanni gaafate sababoota jijjiramaa ta’uus eeran.
Hooggansa Paartii Badhaadhinaan mootummaan jijjiramaa rakkoowwaan seenaafi ammee biyyatti adda baasuun furmaata kennuuf xinxala gahaa taasisuun gara hojiitti galuus himaniiru.
Keessumaa siyaasni hirmaachisaafi hammataa ta’e akka uumamuuf paartichi fakkeenya ta’uun hojiiwwan hedduu hojjateera jedhan Obbo Adam.
አጫጭር መረጃዎች