Ji’oota salgan darbanitti hojiileen dippilomaasii faayidaa biyyaaleessaa kabachiisan hedduun hojjetamaniiru


Ji’oota salgan darbanitti hojiileen dippilomaasii faayidaa biyyaaleessaa kabachiisan bu’a qabeessi hojjetamuu Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) ibsan.

Qorannoon raawwii karoora hojii ji’oota salgan darbanii mootummaa Federaalaa bakka Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) argamanitti qoratamaa jira.

Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiwoos (PhD) raawwii hojii damee dippilomaasii ilaalchisuun ibsa kennaniin, ji’oota saglan darbanitti hojiilee dippilomaasii hariiroo waloofi hundagaleessa hojjetamaniin milkaa’inoonni hedduun argamuu himan.

Itiyoophiyaan waltajjii BRICS irratti hirmaanaa bu’aa qabeessa taasisuus eeran. Yaa’iin Gamtaa Afrikaas karaa bu’aa qabeessa ta’een keessummeeffamuu ibsaniiru.

Dhimma Buufataafi hulaa galaanaa ilaalchisee waldhabdee biyyoota ollaa waliin uumamee ture karaa nagaan furuun danda’amuu Dr Geediyoon kaasaniiru.

Dhimmi hulaa galaanaa Itiyoophiyaa sadarkaa idil addunyaatti fudhatama olaanaa argachaa jiraachuu eeraniiru.

Hojiileen riifoormii Itiyoophiyaan hojiitti hiikaa jirtu dandeettiifi dhiibbaa uummtummaa ishee caalmaatti guddisuu himaniiru.

Itiyoophiyaan bu’uuraalee misooma Anniisaan naannawaa walitti hidhuuf hojii bal’aa raawwachuu dubbatan.

Kunis guddinni diinagdee Itiyoophiyaa biyya keessatti qofa osoo hin daangeeffamin naannawaafis dandeettii ta’aa jiraachuu qabatamaan kan mul’isedha jedhan.

Prosperity Party