Duudhaalee Addaa Paartii Badhaadhinaa!
👉 Tokkummaa sab-daneessummaa.
Badhaadhinni Paartii hawaasa Siyaasa-diinagdee tokkoo ijaaruuf hojjatudha. Sab-daneessummaa yemmuu jennu aadaa, amantaa, afaan ykn eenyummaawwan gara biroo kan hammatee fi eenyuunuu kan hin dhiibne ykn moggaatti hin dhiifne hunda hammataa jechuudha.
👉 Kabaja Lammiilee
Sirna cimaa Itoophiyaanota hunda ija tokkoon ilaalu, fayyadamummaa haqa qabeessa mirkaneessu, mirgi sabaa fi sablammootaa qixa kan itti kabajamu, sab-daneessummaan dhugaa kan itti mirkanaahu, dhimma biyyaa irratti lammiin hunduu hirmaataa kan itti ta’u akkasumas hawaasa siyaas-diinagdeedhaan tokkoome ijaaruu kan bu’uureffatedha.
👉 Bilisummaa
Lammiileen bilisummaa guutuu argatanii daandii filataniin mirga jiraachuu akka goonfatan goochuu, hirmaannaa lammiilee hunda galeessa ta’e guddisuudhaan rakkoolee siyaasaa fi diinagdee biyya keenyaa furuu akkasumas mirgoota namoomaa fi diimokiraasii haala amansiisaa ta’een mirkaneessuu kan dandeessisudha.
አጫጭር መረጃዎች