Asxaa Paartichaa fi Hiika Isaa
1) Haalluufi Teessuma Asxichaa
• Teessoo geengoo adii keessatti gara jalaatiin fakkii harka namaa hammachuuf qophaa’e kan qabu, jiddugaleessatti fakkiin harka nama hammatuu fakkicha keessatti kan mul’atan namoota halluu adda addaa sadii qaban kan keessatti argamanii dha.
• Dabalataanis calaqqee ifaa keelloo keessaa alatti mul’atan keessa isaatti hammatee kan qabate dha.
2) Hiikoo Waliigalaa Asxichaa
• Asxichi sabdaneessummaa biyya keenyaa, tokkummaa biyyaa, kabaja biyyaa, nageenya, dimokiraasii fi ilaalama badhaadhinaa kan qabu ta’ee keessaa gara alaatti bal’achaa kan deemu walitti dhufeenya naannawaa, ardii fi addunyaa kan agarsiisu dha.
3) Tarreeffama Hiikaa Asxichaa

• Harka
Fakkiin harka namaa asxicha gara jalaatiin mul’atu Badhaadhinni hunda kan hammatuufi hirmaachisaa ta’uu isaa kan agarsiisu ta’ee harkichi gurraacha kan inni ta’eef Itoophiyaanonni fakkeenya bilisummaafi injifannoo uummata gurraachaa ta’uu keenya kan agarsiisu dha.
• Fakkii Namootaa
Badhaadhinni Paartii nama jiddugaleessa godhate ta’uu isaa kan agarsiisu yoo ta’u, Paartichi badhaadhina waliigalaa ilma namaatiif kan qabsaa’u ta’uu isaa bakka bu’a. Fakkiin namootaa halluun isaanii cuquliisa, keelloo fi roozii ta’ee adda adda ta’uun isaa sabdaneessummaa Itoophiyaanota akka agarsiisuufi sabdaneessummaan bareedinaafi mallattoo cimina tokkummaa keenyaa kan bakka bu’u dha.
• Ifa Boruu
Calaqqeewwan ifaa gara oliitti mul’atan ifa boruu kan bakka bu’an ta’ee ifti dukkana cabsee kan dhufu ta’ee Paartiin Badhaadhinaa Itoophiyaa gara olka’iinsaafi gara bara ifaatti ceesisuuf kan qabsaa’u ta’uu isaa bakka bu’a. (Bara abdiifi badhaadhinaa bakka bu’a.)