Gootummaa Boqonnaa Haaraa Birmadummaa Dinagdee Keenyaatiif 

‎Dinagdee Damdaneessa Paartiin Badhaadhinaa qabatee keessaa tokko Damee Qonnaati. Xiyyeeffannoon damee qonnaa immoo Nyaataan of danda'uu fi Al-ergii  guddisuudha. 

‎Tarsiimoo Mootummaan Qabate Milkeessuuf Magaalaa Bishooftuu Kutaa Magaalaa Calalaqaa Keessatti Dargaggoonni hojii Qonnaa amayyaa irratti bobba’uun ofiisaanii fi biyyaaf ammoo Galii sharafa alaa argamsiisaa jiru. 

‎Dargaggoota hojii dhabeeyyii 830 waldaalee 159'n Gamtaa Intarpraayizii Tokkoo jala gurmaa'ani lafa hektaara 78 irratti  oomisha gabaa alaa irratti barbaadamaa ta'e Sugar Snap pea ( Brokoolii fi Fosooliyaa) jalliisiidhaan misoomsaanii gabaa biyya alaatiif dhiyeessuu eegalanii  jiru.

 

Prosperity Party