Hundeeffamuu Paartii Badhaadhinaa
- Yaa'ii idilee 11 ffaa ADWUI Hawaasaatiin duubatti harkifannaan walitti makamuu Paartii saffisaan akka xumuramu murtaa'e.
- Sadaasa 6/2012 Koreen Hojii Raawwachiiftuu ADWUI walgahee walitti makamuu kana sagalee deeggarsaa 27 fi 6 mormuun sagalee caalmaan raggaasise.
- Sadaasa 7/2012 koreen hojii raawwachiiftuu wixinee sagantaa paartii walitti makamuu irratti mari’atee wixinee kana gara mana maree ADWUI erge.
- Sadaasa 9/2012 Koreen Hojii Raawwachiiftuu maqaa "Paartii Badhaadhinaa" jedhu Mana Maree ADWUI tti akka dhiyaatuuf waliigalteerra ga'e.
- Sadaasa 11, 2012 Manni Maree ADWUI (TPLF osoo hin dabalatin) walitti makamuu kana sagalee guutuun raggaasise.
- Adoolessa 12, 2012 Ibsi kallattii egeree paartii haaraa kanaa agarsiisu bahe.
- Sana booda jaarmayoonni obboleewwanii fi michuu (TPLFn ala) Paartii Badhaadhinaa waliin walitti makamuu isaanii beeksisan.
- Sadaasa 14 Paartiin Dimookiraatawaa Biyyaalessaa Affaar (PDA) Paartii Badhaadhinaatti makamuuf murteesse.
- Adoolessa 15 Sochii Tokkummaa Dimookiraatawaa Ummata Gaambeellaa (GAMD) Paartii Badhaadhinaa waliin walitti makamuu yaadame kana sagalee guutuun raggaasiseera.
- Adoolessa 16 Adda Tokkummaa demokiraatawaa Beeniishaangul Gumuz(PDUBG),Paartii demokiraatawaa Ummattoota Somaalee Itoophiyaa(PDUSI) Paartii Badhaadhinaa waliin walitti makamuuf murteessan.
- Sadaasa 17/2012 Paartii Demokiraatawaa Oromoo(ODP) fi Paartii Demokiraatawaa Amaaraa (ADP) Yaa'ii Ariifachiisaa gaggeessanii Paartii Badhaadhinatti makamuuf sagalee guutuu raggasisuu yoo beeksisan Liigii Biyyaalessaa Hararii (LBH) yaa'ii dhaabbatummaa 11ffsa Paartii Badhssdhinaatti makamuu beeksise.
- Sadaasa 18/2012 Sosochii demokiraatawaa Ummattoota Kibba Itiyoophiyaa(SDUIK) Paartii Badhaadhinaatti makamuuf murteesse. Guyyuma kana MM Abiy Ahimad (Dr.) walitti makamuun kun seeraa fi sirnaan akka raawwatame beeksisan.
- Sadaasa 20/2012 Paartiin Badhaadhinaa bakka Itti Gaafatamoonni Waajjiraalee Paartilee Paartii Badhaadhinatti makaman irratti argamuun waltajjiin jalqabaa gaggeeffame.
- Sadaasa 21/2012 dhaabbileen Paartii Badhaadhinaatti makaman magaalaa Finfinneetti sirna waliigaltee mallatteessuu ifaatti gaggeeffamuun (Paartiin Badhaadhinaa ifatti hundeeffame)
- Sadaasa 24/2012 Paartiin Badhaadhinaa beekkamtii seeraa akka argatu gaaffii Boordii Filannoof dhiyeessuu beeksise. Sana booda hooggantoonni olaanoon sagantaalee Paartichaa irratti mari'achuu eegalaniiru.
- Afaan hojii Paartichaa ilaalchisee Afaan Amaaraa, Afan, Afaan Oromoo, Afaan Somaalee, Afaan Tigriffaa fi Afaan Affaar afaan hojiitti ta'anii kan filataman yoo ta'u, paartichi afaanota biyyattii hundaaf beekamtii kennee jira.