Mul'ata Paartii Badhaadhinaa 

 

  •  Mul'ata bara 2018 Abdii irraa  gara ifa qabatamaatti Beeksisuu
  •  Mul'ata bara 2023 Fakkeenya Badhaadhinaa Afrikaa gochuu 
  • Mul'ata bara 2040 fakkeenya Badhaadhinaa Idil-addunyaa taasisuudha!

Kaayyoo Gooroo Paartii Badhaadhinaa


  • Kaayyoon gooroo Paartii Badhaadhinaa Itiyoophiyaa badhaate dhugoomsuudha.

Duudhaalee Paartii Keenyaa

 

𝗧𝗼𝗸𝗸𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗦𝗮𝗯-𝗱𝗮𝗻𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮

  • Kaayyoo ol’aanaan paartii keenyaa biyya tokkummaa sab-daneessi itti mirkanaa’ee fi hawaasni siyaas-diInagdee tokkoo itti uumame ijaaruu dha. Tokkummaa sab-daneessa yammuu jennu, saba, amantaa ykn eenyummaa hunda kan hammateefi loogii tokko malee hundaaf kan hojjetu jechuu dha. Paartiin keenya tokkummaa sab-daneessa keessatti heddummina sabaa, afaanii, aadaa fi hirmaachisummaa dhugoomsuuf xiyyeeffannaan ni hojjata.
  • Tokkummaa sab-daneessa ijaaruudhaan heddummina keenyaan miidhagnee, tokkummaa keenyaan cimnee, gara fuula duraatti tarkaanfachuun madda injifannoo fi cimina keenyaati. Kanaafuu, Paartiin keenya “Gamtaan taanee badhaadhina ni milkeessina, badhaadhina milkeessinee gamtaan ni jiraanna” qajeeltoo jedhuun tokkummaa sab-daneessa mirkaneesuuf xiyyeeffannoo ol’aanaadhaan socho’a.
  • 𝗞𝗮𝗯𝗮𝗷𝗮 𝗹𝗮𝗺𝗺𝗶𝗶𝘄𝘄𝗮𝗻𝗶𝗶
  • Paartiin Badhaadhinaa namni nama ta’uusaatiin kabajamuu akka qabu amana. Lammii amantaa, sabummaa, koorniyaa, qabeenyaafi fayyummaan isaa eegamee, kabajaan akka jiraatuufis hojjachaa jira. Kabaja lammiiwwanii yammuu jennu, Itoophiyaanota ija tokkoon kan ilaaluu fi murteessu, Itoophiyaanonni hundi seera biyyattii duratti wal qixa kan ilaalaman, karaa haqa-qabeessa ta’een fayyadamtoota akka ta’an goochuu dabalata.
  • 𝗕𝗶𝗹𝗶𝘀𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮
  • Paartiin Badhaadhinaa bilisummaa lammiilee gama hundaan mirkaneessuudhaan namni mirga guutuu ta’e argatee hacuuccaadhaaf osoo hin saaxilamin mu’ata ofii dhugoomsuuf socho’uu akka danda’uuf xiyyeeffannoon ni hojjata.
  • Bilisummaa lammiilee mirkaneessuun yoo hin danda’amne biyya cimtuu fi badhaadhina dhugoomsite uumuun waan hin danda’ameef lammiileen dhimmoota bilisummaa lammiilee irratti dhiibbaa uumuu danda’an maqsuudhaan hirmaannaa lammiiwwanii guddisuuf Paartiin Badhaadhinaa xiyyeeffannaan ni hojjata.
Prosperity Party