Most Visited News

Oduu

Xiyyaarri Pireezidaantii duraanii Itophiyaa Mangistuu Hayilamaariyaam suphamuun tajaajilaaf oole

Xiyyaarri Pireezidaantii duraanii Itophiyaa Mangistuu Hayilamaariyaam suphamuun tajaajilaaf oole

  Xiyyaarichi bakka gatamee ka’uun waggoota 37 booda tajaajila balallii eegaluu ragaan fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa. Kunis ...

Itti fufaa dubbisaa
Apr 17, 2025 0 views
Itoophiyaan yaa'ii P4G Veetnaam irratti sirna nyaataa ishee ilaalchisee muuxannoo qoodde.

Itoophiyaan yaa'ii P4G Veetnaam irratti sirna nyaataa ishee ilaalchisee muuxannoo qoodde.

  Yaa'iin kun mata-duree "Ashaaraa Magariisa itti fufiinsaa qabuufi uummata giddu galeessa godhate " jedhuun taa'amaa jira. Itiyoophiyaan ...

Itti fufaa dubbisaa
Apr 17, 2025 0 views
Ji’oota salgan darbanitti hojiileen dippilomaasii faayidaa biyyaaleessaa kabachiisan hedduun hojjetamaniiru

Ji’oota salgan darbanitti hojiileen dippilomaasii faayidaa biyyaaleessaa kabachiisan hedduun hojjetamaniiru

Ji’oota salgan darbanitti hojiileen dippilomaasii faayidaa biyyaaleessaa kabachiisan bu’a qabeessi hojjetamuu Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon ...

Itti fufaa dubbisaa
Apr 14, 2025 0 views
Itoophiyaan baatiiwwan 9 darban tuurizimii konfiransiin bu’aa olaanaa galmeessisteetti

Itoophiyaan baatiiwwan 9 darban tuurizimii konfiransiin bu’aa olaanaa galmeessisteetti

Itoophiyaan baatiiwwan 9 darban damee tuurizimii konfiransiin bu’aa olaanaa galmeessisuu Ministirri Ministeera Tuurizimii Salaamaawit Kaasaan ...

Itti fufaa dubbisaa
Apr 14, 2025 1 views
Milkaa’inoonni dameewwan diinagdee guguddoon galmaa’an lammiileef carraa hojii uumuuf gumaacha olaanaa taasisaniiru

Milkaa’inoonni dameewwan diinagdee guguddoon galmaa’an lammiileef carraa hojii uumuuf gumaacha olaanaa taasisaniiru

 Milkaa’inoonni dameewwan diinagdee guguddoon galmaa’an lammiileef carraa hojii uumuuf gumaacha olaanaa taasisuu Ministirri Ministeera ...

Itti fufaa dubbisaa
Apr 14, 2025 0 views
‘’Paartiin Badhaadhinnaa milkaa’innoota Itiyoophiyaa kadhaa keessaa baasuu dandeessisan hedduu galmeesseera’’ -Obbo Adem Farah

‘’Paartiin Badhaadhinnaa milkaa’innoota Itiyoophiyaa kadhaa keessaa baasuu dandeessisan hedduu galmeesseera’’ -Obbo Adem Farah

   Paartiin Badhaadhinnaa yeroo gabaabaa keessatti milkaa’inoota Itiyoophiyaa kadhaa keessaa baasuun gara birmadummaa guutuutti ...

Itti fufaa dubbisaa
Apr 14, 2025 1 views

Baay'inaan kan daawwatame

Itoophiyaan baatiiwwan 9 darban tuurizimii konfiransiin bu’aa olaanaa galmeessisteetti

Image
Content

Itoophiyaan baatiiwwan 9 darban damee tuurizimii konfiransiin bu’aa olaanaa galmeessisuu Ministirri Ministeera Tuurizimii Salaamaawit Kaasaan ibsan.

Guyyaa kaleessaa bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gamaaggamni karoora raawwii dameewwan adda addaa baatiiwwan 9 darbanii gaggeeffameera.

Salaamaawit Kaasaa bu’aalee damee tuurizimiin argaman ilaalchisuun ibsa laataniin, damee tuurizimii konfiransii irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa akka ture eeraniiru.

Baatiiwwan 9 darban yaa’iiwwan idil-addunyaa, ardiifi naannawaa 60 ol gaggeeffamuu kaasanii, kan bara darbee yeroo walfakkaataan yoo madaalamu jijjiiramni guddaan galmaa’uu dubbataniiru.

Bu’uuraalee misoomaa tuurizimii konfiransiif barbaachisu mijeessuurraa eegalee hojiileen damee dipploomaasiin hojjetamaniifi xiyyeeffannoo dhaabbileen damichaaf kennan bu’aa galmaa’eef sababa ta’uu ibsaniiru.

Dabalataanis bakkeewwan gahumsa tuurizimii irrattis hojii bal’aan hojjetamaa turuu yaadachiisaniiru.

Gama Kanaan hojiin qabeenya tuurizimii buleeyyii misoomsuufi haaromsuu hojjetamuu eeruun, haaromsa Masaraa Mootummaa Abbaa Jifaariifi Faasil akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Piroojektiiwwan Maaddiin Biyyaaf, Maaddiin Dhaalootaaf akkasumas Haaromsa Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa dabalatee piroojektoonni garaagaraa magaalaa Finfinneetti hojjetaman dadammaqina tuurizimiif gahee olaanaa bahachuu eeraniiru.